Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 16:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Worri Fariisotaa fi worri Saduqootaa gara Yesuusii dhufanii, samii irraa malkata akka isaanitti mudhisu Isa kadhatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Fariisootaa fi Saduqoonni gara Yesusii ni dhufan, isa qormmaatu'uu barbaadanii, «Sami'ii baasa nutti mulidhis!» jechu'uun ni gaafataniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Worri Fariisotaatii fi worri Saduuqootaa gara Yesuusii dhufanii, «Samii irraa malkata nutti mudhis» jedhanii Isa kadhatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 16:1
33 Referans Kwoze  

Kuuwwanillee isa ataabu'uuf samii irraa malkata akka isaanitti mudhisuu soqa'a turan.


Pheexroosii fi Yohaannis banii waan barsiisaniif, du'aa ka'iitiin worra du'anii karaa Yesuusiitiin jedhanii waan lallabaniif bulchoonni gadootaa, dura bu'oonni mana woyyu'uutii fi Saduqoonni aaranii isaan qaban. Hennaan sun waan dhiyeeruuf haga lafti bari'uuf isaan hidhan.


Yesuus, «Beekkadhaa'a! raacitii worra Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe.


Hennaa kamiinuu Yihuudonni, malkata arguu fedhan; worri Giriikotaallee ogummaa barbaadan.


Isaanillee waan isa ittiin himatan argatu'uuf isa qoru'uuf kana jedhan. Yesuus ammoo gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse.


Bulchoonni gadootaa ammoo gara worra Saduqoota ta'anii worri isa woliin jiran maruu ka'anii hinaafanii isaan irratti ka'an.


Yesuusiin waan du'aa ka'insaa worri waakkatan Saduqoota keessaa gari gariin gara isaa dhufanii akkana jedha'aa gaafatan.


Inni ammoo hameenna isaanii argee, maaf na qorattan?


Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a, jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen.


Achiin maayessa Saduuqonni worri du'aa ka'uun hin jiru jedhan gara Yesuusii dhufanii,


Inni ammoo fakkeessitoota ta'uu isaanii waan beekeef, «Isin maaf na ataabdan? Mee laalaa, saantibii tokko as fidaa'a!» isaaniin jedhe.


Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii, namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan.


Ganama guyyaa qophi'iitiin maayessa bulchoonni gadootaatii fi Fariisoonni Philaaxoosiin biratti wolgayaniit,


«Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni teessoo Muuse'ee irra taa'aniiran.


Hennaa san worri Saduqootaa ka du'aa ka'insi hin jiru jedhan gara isaa dhiyaatanii akkana jedhanii isa gaafatan.


Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan?


Kanaafuu Fariisoonni deemanii attam godhanii dubbi'iin akka isa qaban mari'atan.


Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii, isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haadha manaa ufii gadi dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan.


Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yeruusaaleemii gara Yesuusii dhiyaatanii,


Fariisoonni ammoo bayanii, attamitti akka isa balleessan mari'atan.


Worri Fariisotaa kana arganii, darasootaan, «Barsiisaan keessan maali'iif worra qaraxa guuruu fi cubbamoota woliin nyaata?» isaaniin jedhan.


Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite