Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 15:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee?

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Yesus'llee akkana ni jedhe, «Isin'llee haga ammaa titti worra hin hubanne turttanii ree?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 15:16
15 Referans Kwoze  

Haga ammaa hin hubannee? Xoroshoon shanii namoota kuma shaniif gayee hambaa gindoo meeqa akka kaaftan hin qaabattanii?


Isaan ammoo waan inni dubbatee hin hubanne; isa gaafachu'uufillee hin sodaatan.


Inni, «Isinillee kana maraa worra hin qalbeeffannee? diidaa gara afaanii ka seenu sirimaa akka nama hin batteessine hin argitanii?


Isaan ammoo waan kana hin hubanne. Hiikkaan isaan jalaa waan dhokateeruuf hubachuu hin dandeenne; Kanaaf isaan waan kana gaafachuu sodaatan.


Achiin maayessa Yesuus gumii gara ufii waamee, «Dhagayaa'a, hubadhalle'e:


Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti.


Hennaa san kitaabban akka hubatan sammuu isaanii bane.


Isaan ammoo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan jalaa waan dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.


Sababaanille qalbiin isaanii waan duudeeruuf isaan baasa xorosho'oo san hin hubanne.


raacitii Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa akka uf eeggattan ka jedhe waan xoroshoo attamii akka ta'e attamitti hin hubanne?


Yesuus, «Kana maraa hubattaniirtu?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee deebisanii, «Ee» jedhan.


Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaaka kana nuu hiiki» jedheen.


Wonti gara afaanii seenu maruu gara gara'aa gadi lufee, nafa namaa keessaa akka bayu hin argitanii?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite