Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 15:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yeruusaaleemii gara Yesuusii dhiyaatanii,

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Kanaan duubatti, Farisonni Yerusaalemii dhufanii fi barsiisonni seeraa gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhiyaatanii,

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 15:1
11 Referans Kwoze  

Guddisanii iyyan; worri gossa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'aanii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookiin maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman.


Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.


Barsiisonni Seera Muuse'ee tii fi Fariisonni, «Ka Rabbiin arabsu kun eennu inni? Rabbii tokkicha malee eennutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?» jedha'aa yaada'aa turan.


Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yeruusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira.


Barsiisonni Seera Muuse'ee worri Yeruusaaleemii dhufan ammoo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mootii jinnootaatiin jinnii baasa» Yesuusiin jedhan.


«Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni teessoo Muuse'ee irra taa'aniiran.


Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.


Yihuudonnillee ati eennuu? Jedhanii gaafachu'uuf Yeruusaalemii gadootaa fi Leewwota hennaa itti ergan ragaan Yohaannisii kana.


Hennaa dhiyaatellee, worri Yerusaalemii gad bu'an, Yihuudonni marsaniinii dhaabatanii, waan ittiin injifachuu hin dandeenne himannaa gudda'aa fi ulfaataa irratti kaasan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite