Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 13:44 - WAADAA LAMMATAA

44 Akkasuma Yesuus, «Jeennanni sami'ii qabeenna lafa keessatti dhoffamte, ka namni tokko argee deebisee dhosse fakkaatti; namichi kana argee haga dhosseen maayessa gammada'aa deemee waan qabu maraa gurguree maasaa san bitate.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

44 Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Sami'ii qabeenna lafa qonnaa keessatti dhoffamee jiruu ni fakkaatti. Naminni tokko'llee qabeenna kana yeroo argatetti deebisee ni dhosse, baay'inna gammachu'uu irraa kan ka'een'llee deemeeti, waan qabu maraa gurguree qonna san ni bite.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

44 Akkasuma Yesuus, «Jeennanni sami'ii qabeenna lafa keessatti dhoffamte ka namni tokko argee deebisee dhosse fakkaatti; namichi kana argee haga dhosseen maayessa gammada'aa deemee waan qabu maraa gurguree maasaa san bitate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 13:44
29 Referans Kwoze  

Galmee dhokate ka ogumma'aatii fi ka beekkomsaa maruu isaan waan ta'eef.


Akkasuma, eennullee isin keessaa qabeenna ufii maraa ka hin dhiifne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u» jedhe.


Hulee qabeenni keessan jiru garaan keessanillee jira.»


Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.


Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.


Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra, eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen.


Yesuus deebisee, guutuu ta'uu yoo feete, deemii, waan qabdu maraa gurgurii birrii hiyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu, na faana deemi» jedheen.


Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barraayeeruuf.


Yesuus mammaaka biraallee isaanitti mammaake, «Jeennanni Rabbii nama qonna isaa keessatti sanyii mishaa facaaseen wol fakkaatti.


Qabeenna caalu sami'itti isinuu akka qabdan beettaniirtan. Hidhama kiyyaaf garaa naa laaftan, qabeenni keessan hennaa fudhatamu obsitanii gammachu'uun laaltan.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu, kanatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu.


Dubbiin Rabbii guutumatti isin keessa haa jiraatu. Ogummaa maraan wol barsiisaa'a, wol gorsaa'a, Ayyaanaan faaruu faarfachu'uun badhaadhummaa isaatiin onnee keessan keessatti Rabbiin faarfadhaa'a.


Daldalaan sun mi'a gatii gudda'aa takka hennaa arge deemee waan qabu maraa gurguree isii bitate.


«Ammallee, jeennanni sami'ii siiboo gara galaanaa darbamtee, qurxummii adda addaa wolitti qabdu fakkaatti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite