Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 13:42 - WAADAA LAMMATAA

42 Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti isaan gatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

42 gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

42 Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran qilee ibiddaatitti isaan gatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 13:42
19 Referans Kwoze  

Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti gatan» jedhe.


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


worri jeennata keessa taa'uu malan ammoo, hulee itti booyanii fi ilkaan itti qaran gara diidaa dukkanatti gataman» jedhe.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibiddaa dhaga'aatiin gatii argata.


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Mootiin sun hennaa san tajaajiltoota ufiitiin, ‹Harkaa fi luka isaa hidha'aatii gara dukkanaatitti gad baasaa'a. Achi booyu'uu fi ilkaan qaru'utu jira› jedhe.


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Hennaa Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammoo gara diidaa gatamtan, achitti booya'aa ilkaan qartan.


Inni Manshii harkaa qaba. Oyiddillee sirritti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammoo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba».


Boolla ashuutellee hin bane; aarrillee akka aarra ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bawuun dukkanaayan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite