Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 13:41 - WAADAA LAMMATAA

41 Ilmi Namaa maleekkota ufii hin erga. Isaanillee worra cubbu'uuf sababa ta'aniif worra hammeeyyii ta'an maraa jeennata isaa keessaa wolitti qaban.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 Yeroo sanitti Ilmi Namaa maleyikkoota isaa ni erga, isaan'llee sababa cubbu'uu worra ta'anii fi hamaa raawwattoota mara, Mootummaa isaa keessaa wolitti qabanii ni baasan,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Ilmi Namaa maleekkota ufii hin erga. Isaanillee worra cubbu'uuf sababa ta'anii fi worra hammeeyyii ta'an maraa jeennata isaa keessaa wolitti qaban.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 13:41
18 Referans Kwoze  

Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin hin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.»


Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan.


Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!


Maleekkonni Rabbii maruu, ayyaana worra fayyinna dhaalan kana tajaajilu'uuf ergamanii mii?


Kunillee Rabbi karaa Yesuus Kiristoosiitiin akka ani Oduu Nagayaa barsiise guyyaa gaafa Rabbi waan nama biratti dhokatetti murteessu ta'a.


Hennaa dhuma adunyaa tanaa akkana ta'a. Maleekkonni dhufanii, cubbamootaa fi qajeellota adda baasan.


Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga, kallattii arfanii fi qaccee lafarraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.»


Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qabdi; simbirtillee mana qabdi; Ilmi namaa ammoo hulee mataa ufii itti irkifatu hin qabu» jedheen.


Inni Manshii harkaa qaba. Oyiddillee sirritti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammoo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba».


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite