Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 13:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame sun ammoo, nama dubbii Rabbii dhagayee hubatu fakkaata. Innillee daraaraa hin daraara. Tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko soddoma godhata.»

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii isaa dhagayee hubanna'aan fudhatuuti, inni'llee firii ni daraara, tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko firii soddomaa» ni kenna.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame sun ammo, nama dubbii Rabbii dhagayee hubatu fakkaata. Inni daraaraa hin daraara; tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko soddoma godhata.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 13:23
43 Referans Kwoze  

Anatu isin filate malee, isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii daraaraa akka godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.


«Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf, daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan, Daraaraa badaa argattan.


Sanyiin kuun lafa mishaa irra bu'e, gariin dhibba, gariin jahaatama, gariin gumaa soddoma daraare.


Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata.


Eegasuu cubbuu irraa deebi'uu keessan waan mudhisu hojjadhaa'a.


Uf afoo yoo daraarteef misha'a; yoo hin taane ammoo hin murta jedheen.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,


‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Isiraa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan.


Isaanittillee akkuma himame oduun gammachu'uu nuttillee himameera. Haata'uu ammoo dubbiin dhagayan worri dhagayan sun amanta'aan waan isaan keessatti hin qabamneef womaa isaanii hin goone.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.


Kunillee akka eebbi baayi'atee isinii kuufamuuf malee, ani kennaa keessan barbaadeetii miti.


Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna. Isinii barakachiisalle'e; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii guddisa.


Kunniin worra Tasoloonqee jiran irraa caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aati dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan.


Dubartoota nuu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte; ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin kaddaamtu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.


Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef, hin dhageettan.»


Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»


Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti ka hin fudhanne, horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe.


Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammoo, mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayanii fudhatanii, gariin sanyii soddoma, gariin sanyii jahaatama, gariinillee sanyii dhibba godhatan» jedhe.


Amma dhagaraan mukkiin hiddatti muru'uuf qophaayeera; munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee, ibiddatti gatama.


Hennaa hedduu rooba isii irratti roobu, lafti dhuddu, worra isii irratti qotataniifillee akkasuma ta fayyaddu, biqiltuullee ta margisiiftu Rabbiin irraa eebba argatti.


Ka biraa ammoo lafa biyyee mishaa irratti bu'ee hennaa mute, dachaa dhibba daraare» jedhe. Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, «Gurra dhagayu ka qabu haa dhagayuu!» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite