Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 12:18 - WAADAA LAMMATAA

18 wonni raagamellee, «Kunoo, hojjataan kiyya, ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde. Ayyaana kiyya isa irra kaaya, innillee worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

18 «Kunoo! Tajaajilaan kiyya ka ani filadhe kana! inni'llee ka ani jaaladhuunii fi itti gammadu, Hafuura kiyya isa irra ni kaaya, inni'llee murttii qajeelaa ummatootaaf ni labissa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

18 wonti raagamellee, «Kunoo! hojjataan kiyya ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde; Ayyaana kiyya isa irra kaaya, inni worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 12:18
40 Referans Kwoze  

«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,


Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.


Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef


Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee ka Rabbiin biratti ammoo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa,


Hennaa laagaan ulfinnaa teessoo isaa irraa, «Ilmi ani jaaladhu, ka itti gammadu kana» jechi jedhu dhufe, Rabbii Abbaa irraa ulfinnaa fi galata argateera.


Inni baallii dukkanaa jalaa nu fayyise nu biteeti, isallee gara jeennata jaalala Ilma isaa ka dhiifamsa cubbu'uu ittiin arganneetitti nu geesse.


Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'ee fi obboleessa isaa Ximootiwoosiin irraa,


Wonti ilma ufii jaalatamaa akkanumaan nuu kenneef akka ulfinni badhadhummaa isaa galateeffamuuf kana godhe.


Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanta'aa akka isaanii bane himan.


Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan.


Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedhaa itti balda'aa turan.


Duumessa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka Ani filadhe; isa dhagayaa'a!» laagaan jedhu dhagayame.


Ayyaanni Woyyuunillee akka haala nafaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i, ani si'iin gammada laagaan jedhu samii irraa dhufe.


Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» laagaan jedhu dhufe.


Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, An sitti gammada» jedhu dhufe.


Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.


Kunillee ka raatticha Isaayyaasiin raagame akka raawwatamuuf ta'e;


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite