Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 11:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Balloonni hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'anillee hin ka'an.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Kunoo, jaamonni ni argan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeeyyi'iif'llee wongeelli ni lallabama,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Worri ijaan hin argine hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagaya, worri du'anillee hin ka'an.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 11:5
41 Referans Kwoze  

«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,


Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?


Mana woyyuu keessatti balloonninii fi hokkoloonni gara Isaa dhufan, innillee isaan fayyise.


Yoo godhe ammoo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Abbaan akka ana keessa, anillee akka Abbaa keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan, hujii isaa amanaa'a.»


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani isinitti hime. Isin ammoo hin amantan hujiin ani maqaa abbaa kiyyaatiin hojjadhu kun waan kiyya raga.


Ani ammoo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujjii naa kenne. Hujjiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf.


Innillee halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, yoo Rabbi isa woliin ta'e malee, maalalee ati hojjattu kanniin ka hojjatuu danda'u waan hin jirreef, barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.


Uduu Yeruusaalem jiru hennaa ayyaana Faasika'aa malkata inni godhe haga argan, namoonni hedduu maqaa isaatitti amanan.


Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee, ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe.


Worri dhagayan maruu waan kana hagaa olitti maalalfatan, «Wonti inni godhe martuu misha'a; worri gurra duude akka dhagawu, worri afaan duude akka dubbatu hin godha» jedhan.


Dhibamtootallee fayyisaa'a, worra du'an kaasaa'a, worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a. Jinnii baasaa'a, waan tola fudhattan tolumaan kennaa'a.


Ijji isaaniillee hin banamte. Achiin maayessa Yesuus, eennullee akka hin beenne uf eeggadhaa'a» jedhee jabeessee isaan seere.


«Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!


«Namoota Israa'elii dubbii kana dhagayaa'a! akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate.


Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe. Deema'aatii ka argitaniif ka dhageettan Yohaannisitti himaa'a.


Achiin maayessa Yesuus, «Namichaan harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee hennaa harka diriirfate, harki isaa fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii ta'e.


«Gara haroo Salihoomiititti dhaqiitii dhiqadhu» jedheen, «Salihoom» jechuun ka ergame jechu'u. Kanaaf dhaqee dhiqatee, arga'aa deebi'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite