Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 11:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Kurraasii, si aanne'e! Beetasayidaa'a, si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame Xiroosii fi Siidonaa keessatti uduu godhamee jiraatee, silaa baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 «Si'ii uunsha'a Koraazii! Si'ii uunsha'a Betsayidaa! Baasonni isin keessatti taasfaman, magaalota Xiiroos fi Sidoonaa titti taasfamanii uduu jiraataniitii, namoonni achi jiraatan turan uffata gaddaa uffataniitii fi daaraa ufi irratti firfirssanii duraan, gara Waaqaa ni deebi'an turan!

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Kurraazii! si aanne'e! Beetasaayidaa'a! si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame uduu Xiroosii fi Siidonaa keessatti godhamee jiraatee baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 11:21
31 Referans Kwoze  

Heroodisi namoota Xiirosiitii fi Sidoona'aa woliin wol dhabee ture. Isaan ammoo garaa tokko ta'anii gara isaa dhufan. Ka mootichi amanu Bilaasxoosiin maarre jechisiisanii araara kadhatan. Biyyii isaanii biyya mooticha saniitii waan nyaataa argata'aa turaniif.


Isaan gara Beetasayidaa Galiilaa keessa jirtuu gara nama Filiphoos jedhamuu dhaqanii, «Gooftaa'a, Yesuusiin arguu feena» jedhanii kadhataniin.


Ergamtoonnillee deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasayidaa jedhamtu bira hojjuma isaa gara lafa udume'ee dhaqe.


Yoosuu uduu Yesuus banii geegessa'aaru darasoonni yabala keessa seenanii gara Beetasayida'aa firrisanii akka lufan isaan ajaje.


Yesuus achii bayee gara biyya Xiroosii fi Siidoonii deeme.


Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


Ganamaan Yesuus gara Galiila'aa ol bawuu barbaadee, Filiphoosiin argee, «Na faana koottu!» jedheen.


Isaan woliin bu'ee bakka raasaa wotaraa dhaabate. Worra gosa darasoota isaa keessaallee banii heddutu ture. Akkasuma isa dhagayu'uuf dhibee isaanii irraa fayyu'uuf jedhanii biyya Yihuudaa maraa, Yeruusaaleemii, Xiroosii, Siidoonaa daangaa galaanaatii worri dhufe namoota heddutu ture.


Yesuusii fi darasoonni isaa gara Beetasaayidaa dhufan. Jarri tokko namicha ballaa tokko gara isaa fidanii akka inni harkaan qaqqabu kadhatan.


Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee, karaa Sidoona'aatiin lufee, biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe.


Namoonni hedduun waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaaleemi, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yordaanoosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan.


Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!


Maarre ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san, isin caalaa Xiroosii fi Siidona'aa hin salphata.


Bariisaa gara Siidoona'aa yoo geennu, Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen.


Haata'uu ammoo Eeliyaasi gara Saraphta'aa biyya Siidonaa keessa jirtuutii gara hiyyeettii takkaa deeme malee, gara taawwanii hin ergamne.


Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammoo dhokachuu hin dandeenne.


Ilmi Namaa akkuma wonti isaa barreeffame hin du'a. Haata'uu ammoo, «Nama Ilma Namaa dabarsee kennu san aanne'e! Namni sun silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya» isaaniin jedhe.


Hennaa chaappaa jahaffa'aa hiiku, lafti guddiftee sochoote. Aduunillee akka mataa gaddaatitti gurraachatte.


Raattota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite