Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:41 - WAADAA LAMMATAA

41 Ka raaga maqaa raagaatiin simatu, gatii raagaa argata. Ka nama qajeelaallee maqaa qajeellumma'aatiin simatu gatii qajeela'aa argata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 «Nabiyyii maqaa nabiyyi'iitiin ka ufitti fudhatu, gatii nabiyyumma'aa ni argata, nama qulqullaayomaan maqaa qulqullaayoma'aatiin ka ufitti fudhatu, gatii qulqullaayomaat ni argata.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Ka raaga maqaa raagaatiin simatu, gatii raagaa argata. Ka nama qajeelaallee maqaa qajeellumma'aatiin simatu gatii qajeellumma'aa argata.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:41
27 Referans Kwoze  

Waan woyyoota tajaajiltaniif haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hamaa miti.


Gatii keessan guutuu akka argattaniif malee ka hojjattan akka hin dhabneef uf eeggadhaa'a!


Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammoo mindaa waan qabuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera.


Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.


Kanaaf Woldaa Kirstaanaa mara keessummeessu, Gayiyoos nagaya isinii dhaameera. Namichi birriin bira teettu ka qachaa Ersiisxoosii obboleessii keenna Qu'aasxiiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran.


Ati ammoo hennaa faateeffattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kenna.


Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii Goofta'aatti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a jettee nu kadhate.


Yesuus, «Namni akka isin arguuf jettanii hujii mishaa afoo isaaniititti akka hin hunye uf eeggadhaa'a! Akkas yoo gootan, Abbaa keessan ka samii jiraatu irraa gatii hin argattani.


Ka kadhatu maruu hin fudhata, ka barbaadullee hin argata, Ka balbala dhadhayuufillee hin banama.


Achiin maayessa isaanillee deebisanii, ‹Gooftaa'a, beeloftee, yookiin dheebottee, yookiin keessummaa taatee, yookiin daartee, yookiin dhukkubsattee, yookiin hidhamtee si arginee, yoom si gargaaruu dhabne?› jedhaniin.


Hennaa san mootiin deebisee, ‹Ani dhugamaan isiniin jedhaa, worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof waan hin gooneef, naafillee ammo womaa hin goone› jedhee isaanii deebise.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite