Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Filiiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewosii qaraxichi, ilma lilfiyoosii Yaaqoobii fi Taadeewos,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu,

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:3
30 Referans Kwoze  

Hennaa seenan gara mana mana gubba'aa ol bayan. Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Tomaas, Bertelomeewoos, Maatewoos, ilmi Ilfiyoosii Yaaqoob, ka hinaafaa jedhamu Simoonii fi Yihuudaa ilma Yaaqoobii fa'a.


Indiriyaasi, Filiphoosi, Bartelemewos Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi


Inni uduu karaa san lufa'aaru, Leewwiin ilmi Alfiyoosii hulee qaraxa itti qaraxu ka taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ka'ee isa faanaa deeme.


Yesuus achii ka'ee uduu karaa san irra lufa'aaru, namicha Maatewoos jedhamu, ka bakka qaraxaa taa'ee qaraxu tokko argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ol ka'ee isa faanaa deeme.


Simoon Pheexroosiif ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdiyoosi darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan.


Kanaaf Toomaas ka Didimoos jedhamu goshoota isaa darasootaan «Koottaa nullee dhandhee isa woliin duunaa» jedhe.


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.


Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.


Haata'uu ammoo obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine.


Haga bari'e Phaawuloos gara mana Yaaqoobii seene. Manguddoonni maruu achi dhufan.


Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe.


Achiin maayessa, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen.


Haga isaan cadhisaniin maayessa Yaaqoob akkana jedhee deebise, obboleewwan tiyya na dhagayaa'a.


Yihuudaa nama biyya Asqorootu'uu uduu hin taane, Yihuudaan biraa, «Gooftaa kiyya! biyya lafaatitti uduu hin taane attamitti nutti uf mudhifta?» jedheen.


Yesuusillee akkana jedheen, «Ati Filiphoosi haga bara kana maraa isin woliin hennaa jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera, attamitti ati, ‹Aabbaan nutti mudhisi› jettaa?


Isaan keessaa Maariyaam ta biyya Magidala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi haadha Yoosaa, Maariyaamii haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atu ture.


Inni yoo isaanillee dhagayuu dide, Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin.


Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran. Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii, isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yeruusaalemii dhufanii achi jiran.


Namoonni lamaan faateffachu'uuf gara mana woyyu'uu dhaqan. Isaanillee tokko Fariisicha kuun ammoo ka qaraxa guuru.


Fariisichi ka'ee dhaabatee waan yaada garaa ufii akkana jedhee faateffate. ‹Rabbii kiyya, ani akka namoota kaawwanii akka worra saamtotaa, hamootaa, worra seebaru, yookaan akka namicha qaraxa guuruu kana waan hin taaneef si galateeffadha.


Namichi qaraxa guuru sun ammoo fagoo dhaabatee ija ufiitiin gara sami'ii ol laaluu sodaatee, ‹Waaqa kiyya! Ani nama cubbama'a naa araarami!› jedhee laphee ufii dhaya'aa ture.


Yesuus Naatinaa'eel gara isaa hennaa dhufu argee, «Ila nama Isiraa'elii ka dhuga'aa; ka sobni keessa hin jirre» jedhee waan isaa dubbate.


Toomaasillee, «Gooftaa'a! Gara ati deemtu hin beennu karaa attamiin beenna?» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite