Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:25 - WAADAA LAMMATAA

25 Barataan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan, maatii isaatiin ammoo attamitti kana caalaa hin jenneeniree!

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

25 Kanaaf barataan akka barsiisaa isaa, tajaajilaan'llee akka Gooftaa isaa yoo ta'e ni gayaan. Abbaa manaa Bi'el Zebul jedhanii yoo waaman maatii isaa garuu maqaa hammaa ta'een attam hin waaninneen!

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

25 Darasaan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan maatii isaatiin ammo attamitti kana caalaa hin jenneen ree!

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:25
13 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo isaan keessaa namoonni gari gariin, «Inni hunna Bi'elzeebulii bulchaa jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan.


Worri Fariisootaa ammoo hennaa kana dhagayan, «Inni hunna mootii jinni'ii ka Bi'eelzeebul jedhamu calla'aan malee jinniiwwan hin baasu» jedhan.


Fariisoonni ammoo, «Inni hunna mootii jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan.


Baniin deebisee, «Jinnii qabda! Eentu si ajjeesuu barbaada?» jedhaniin.


Barsiisonni Seera Muuse'ee worri Yeruusaaleemii dhufan ammoo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mootii jinnootaatiin jinnii baasa» Yesuusiin jedhan.


Yihuudonni deebisanii, «Ati nama Samaariya'aa akka taate; jinniin si keessa jira jechuun keenna mishaa jennee mii?» jedhaniin.


Isaan keessaallee namoonni hedduu, «Inni jinnii uf keessaa qaba! maraateera! Isin maaf isa caqaftan?» jedhan.


Yihuudonni isaan, «Jinniin akka si keessa jiru amma beenne. Abrahaamilee du'eera, raattonnillee atillee hin duuta. ‹Ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa hin du'u› jetta.


Eegasuu yoo ani hunna Bi'eelzeebuuliitiin jinniiwwan baase, ijoolleen teessan hunna eennuutiin jinniiwwan baasan? Kanaaf ijoollema teessantu isinitti murteessa.


Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ufi foyye, mootummaan isaa attamiin dhaabatuu dandeetti? waan isin anaan, «Inni hunna Bi'el Zebuliitiin jinnii baasa jettaniif» jedhe.


Ani Bi'eelzeebuuliin jinnii ka baasu yoo ta'e ijoolleen teessan maqaa eennuutiin jinnii baasan? Kanaafuu isaan isin irratti hin murteessan.


Isaan, «Hin dandeenna» jedhaniin. Yesuus, «Isin dhugamaan mijuu ani dhugu hin dhudan, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite