Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

22 Sababaa kiyyaan nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, garuu haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatu ni fayya.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan; ka haga dhumaa jabaate ammo hin fayya.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:22
30 Referans Kwoze  

Ka haga dhumaa dhaabate ammoo hin fayya.


Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Anaaf jettanii nama maraa biratti ka jibbamtan taatan. Haga dhumaa ka jabaatu ammoo hin fayya» isaaniin jedhe.


Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, naaf jedhee lubbuu ufii ka balleeffatu ammoo hin argata.»


Obboleeyyan tiyya, adunyaan yoo isin jibbite hin maalalfatinaa'a!


«Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Amanta'aa fi obsaanillee worra dubbii abdi'ii dhaalan akka fakkaattaniif malee ammshaaggota rincicoota akka isin hin taaneef haga abdiin guutuuf isin maruu ciminna san haga dhumaa akka mudhiftan hin hawwina.


Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite.


Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna.


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


Jireenni Yesuusii ammoo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf, nu worri jiraatoota taane, sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.


«Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo dharaan maqaa isin balleessan isin worra eebbifame.


«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


Adunyaan isin jibbuu hin dandeettu; ani ammoo waan hujiin isi'ii dhara ta'uu isi'itti raguuf ana na jibbiti.


Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Ka mooyateef ka haga dhumaa hujii kiyyaa eegeef annillee akkasuma ani abbaa kiyyaa irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf. Bokkuu sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faayaatitti isaan caccabsan.


Akka inni maqaa kiyya baadhatu'uuf jedhee rakkatu aninuu isatti mudhisa» jedheen.


Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.


Bakka marattu maqaa kiyyaaf worra jibbamu taatan.


Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite