Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Ani dhugamaan isiniin jedha, guyyaa murti'ii san qachaa san irra biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Dhugamaan isiniin jedha, Guyyaa Murti'ii Waaqaa titti magaalaa san irra namoota Sadoomii fi Gamora'aatiif, adabbiin isaaniif ni diqqaataaf.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Ani dhugamaan isiniin jedha guyyaa murti'ii san qachaa san irra adabbiin biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:15
22 Referans Kwoze  

fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa, haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse,


Guyyaa murti'ii akka ugginuuf jaalalti isaa nu keessa guutteerti. Akkuma inni adunyaa keessa jiraate nullee akkasuma adunyaa keessa jira.


Ardi'ii fi samiin amma jirtu tun ammoo akka ibiddaan badduuf haga guyyaan murti'iitii fi badiin worra Rabbitti hin amannee geettuu akka dubbii kanaatiin ibidda eeggatan.


Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.


Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a; dhugamaan isiniin jedha guyyaa gaafa murti'ii qachatti tana caalaa biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa hin salphata.» isaaniin jedhe.


Ani akkana isiniin jedha, namoonni waan hamaa dubbatan sanniin maraafuu guyyaa murti'ii deebii kennan.


Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookiin qabxiin tokkottiinuu horoma hin raawwatamti malee hin baddu.


Guyyaa san, namoonni hedduu, ‹Gooftaa, Gooftaa! maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin jinnii hin baafnee? Maqaa keetiin baasa hedduu hin hunyee?› naan jedhan.


Fedhiin ka na ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf.


Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatuuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa san hin kaasaan.


Ka na jibbu ka dubbii kiyyallee hin fudhane, inni ka isatti murteessu hin jira. Dubbiin ani dubbadhe gaafa dhumaa itti murteessa.


Inni haaganaa waan qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera»


Ibiddaan waan ifa bayyuuf guyyaan sun hin mudhisa. Hujiin nama maraatuu maal akka ta'e ibiddi sun hin qora.


Isin ammoo obboleeyyan tiyya, guyyaan akka hattu'uu akka isinirra hin geenne, isin dukkana keessa hin jirtan.


Akkuma kaawwan biratti baratame, wolgeettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee, guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a.


Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gadi dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookiin haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.


Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite