Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, ayyaana battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Yesus barattoota kudha lamaan gara isaa waamee hafuurota battiiwwan akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisaniif aangoo isaanii ni kenne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, hafuura battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:1
26 Referans Kwoze  

Bofaa fi buutii akka irra ijjattan hunna diina maraa irratti baallii isinii kenneera. Wonti isin miidhu womtuu hin jiru.


Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammoo haga hunna olii argattanitti qachaa Yeruusaaleemii keessaa hin bayi'naa'a» jedhe.


Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.


Yohaannis deebisee akkana isaaniin jedhe, «Yoo samii irraa kennameef malee, namni waan tokkollee argatuu hin danda'u.


Hennaa lafti bariite darasoota ufii gara ufii waamee, Isaan keessaallee namoota kudha lamaa filatee, Ergamoota jedhee maqaa isaanitti baase.


Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna.


Ayyaanni hamaan ammoo deebisee, «Yesuusiin hin beeka; Phaawuloosiinillee hin beeka; isin hoo eennuu fa'a?» isaaniin jedhe.


Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise.


Abbaan Ilma ufii hin jaalata, waan maraa isatti kenneera.


Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Dubartiin aduu uffate ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.


Uduu Yesuus waan kana dubbata'aaru, darasoota kudha lamaan keessaa tokko, Yihuudaan dhufee; gumiin hedduu isa woliin guraade'ee fi bokkuu qabatanii, bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni biyyaallee isa woliin dhufan.


Galgala san darasoota ufii barattoota kudha lamman woliin hurbaataaf taa'e.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.


Hamaa jalaa nu baasi ataabe'etti nu hin galchin, [jeennanni, hunni, ulfinnillee baruma baraan tanteeti Amiin!]


Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.


Yesuusillee Mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme.


Eegasuu abbaan midhaanii worra haamu gara midhaan haamamuu akka ergu faateeffadhaa'a» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite