Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 1:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Wonti dubbatame sunillee, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilmallee hin deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 «Kunoo, durbbi duudaan ni ulfooftti, ilma dhiiraa'llee ni deetti, maqaan isaa'llee ‹Amaanu'eel› jedhamee, ni waamama. Amaanu'eel jechuun'llee, Waaqinni nu'u woliin ni jira» jechu'u.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Wonti dubbatame sun, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilma deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 1:23
18 Referans Kwoze  

Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.


Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura kee woliin haa jiraatu. Badhaani isin woliin haata'u. Amiin!


Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.


Waan Rabbi Kiristoosiin keessaan adunyaa ufiin wolitti araarsa'aa tureef. Cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkawu, nu keessallee dubbii araaraa kaaye.


Gooftaan halkan manaabaan Phaawuloosiin, «Ani si woliin jira, eennullee si irratti hamaa godhu'uuf ka ka'u waan hin jirreef hin sodaatiin.


Haata'uu ammoo hujiin lallaba Oduu Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudotaa hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise.


Yooseefillee hirribaa dammaqee, akkuma Maleekkaan Rabbii isa ajaje godhe. Qadhimamtuu ufiillee gara mana ufii fudhate.


Eegasuu waan kanaaf maal jenna? Rabbi yoo nu woliin ta'e, eentu nu mormaa?


Eega Daawiti, ‹Gooftaa kiyya› jedhee isa waame, attamiin Kiristoos Ilma isaa ta'uu danda'a ree?»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite