Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 1:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Yaaqoobillee Yooseefiin uumate. Yooseefiin kun ka Maariyaamiin qaadhimate. Maariyaamiin tun ka, «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame Yesuusiin deette.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Yaaqoob Masihii ka jedhame Yesusiin ta deette qaadhimataa Maariyamii ka ta'e, Yooseefiin ni uumate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Yaaqoob Yooseefiin uumate. Yooseef ka haadha Yesuus Kiristoosii Maariyaamiin qaadhimate ture; Maariyaamiin tun ta Yesuusii «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame deette.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 1:16
17 Referans Kwoze  

Isaan walgayanii uduu jiran Philaaxoos, «Eennuun isinii hiika? Baarbaaniin moo Yesuusii Kiristoos jedhamu?» isaaniin jedhe.


Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka, inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen.


Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seya; Yooseefiin kun ilma Eeli'ii ti.


Philaaxoos eegasuu, «Yesuus Kiristoos ka jedhamu maal haa godhu ree?» isaaniin jedhe. Isaan martinuu, «Inni haa fannifamuu!» jedhan.


Maruu isaa ragaa baya'aa turan. Kennaa dubbi'ii Ayyaana qabeessa ka afaan isaatii bayu maalalanii, kun ilma Yooseefiitii mitii? jedhan.


Abbaa fi haatillee hennaa isa argan hin maalalan. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu goote? Anii fi abbaan kee akka malee yaaddofnee si soqaa'aarra» isaan jette.


Achitti ilma hangafaa deette; mana keessuma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef, daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte.


Gara durba duudaa Maariyaam jedhamtuu ta namicha fiixaa Daawitii irraa dhalate ka maqaan isaa Yooseef jedhamuu qadhimamteetitti Rabbiin biraa ergamee dhufe.


Inni ogeessa muka bocu, ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan.


Haga ogeeyyiin sun gara biyya ufii deebi'an, ergamaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf, ka'iitii, daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.


Eliyuud Ala'azaariin uumate, Al'azaar Maattaaniin uumate, Mattaanillee Yaaqoobiin uumate.


Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen.


Achiin maayii Yesuus Kiristoosiin akka ta'e eennuttillee akka hin himne, darasoota ufii jabeessee seere.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite