Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 9:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Gaara irraa yoo bu'anitti'llee Yesus, «Ilmi Namaa haga du'aa ka'utti, waan amma argitan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, isaan ni ajaje.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Haga Ilmi namaa du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 9:9
15 Referans Kwoze  

Yesuus waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere; waan nyaattullee akka isi'ii kennan itti hime.


Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura.


Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa saddaffa'aa du'aa hin ka'a.


«Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.


Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.


Inni hin mormu, hin wocu, yookiin eennullee laagaa isaa raasa'atti hin dhagayu.


Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii, gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee nama maraaf akka ragaa ta'u, fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.


Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammoo uduu inni isaan seeru, guddisanii odeessan.


Hennama san garagalanii hennaa laalan isaan woliin Yesuusiin malee eennuunuu hin argine.


Isaan waan inni isaanitti hime san garamatti qabatanii, «Du'aa ka'uun maali'ii?» jedha'aa wol gaggaafatan.


Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite