Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 9:43 - WAADAA LAMMATAA

43-44 Harki kee yoo ka cubbu'utti si oofuu, uf irraa kuti. Harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

43 Kanaaf harki kee cubbuu akka hojjattuuf yoo si dogoggorsse muriitii gatiin! Harka lamaan uduu qabddu gara ibidda asaabaa titti darbamuu irra, duundumaa taate gara jireennaa titti galuu si woyya. [

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

43-44 Harki kee yoo ka cubbu'utti si oofuu uf irraa kuti. Harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 9:43
23 Referans Kwoze  

Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Eeganaa raattota hagana gayan, naannaya kenna eeganuu jiraatan, nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantaa keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Ani ammoo akkana isiniiniin jedha, eennullee obboleessa yookiin obboleettii ufiititti yoo mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» yoo jedhe yaa'iitu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata.


Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran.


Inni Manshii harkaa qaba. Oyiddillee sirritti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammoo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba».


Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne.


Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a, isaanillee seebaruu, battummaa, wol qirqissuu, waaqa tolfamaa kaddaamu'uu fi hawwii hamaa fa'a.


Akka fedha fooniititti yoo jiraattan, hin duutan; hujii Ayyaanaatiin hujii fedhii foonii yoo ajjeeftan hin jiraattan.


Haata'uu ammoo hennaa affeerraa goote hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi balloota waami.


Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii,


Haata'uu ammoo kaawwanitti haga himeen maayii ufii nama gattame akka hin taane foon kiyya adaba'aa akka ajajamu godha.


Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi, hiyyeeyyii, naafa, worra hokoluu fi balloota waami!› jedheen.


Haata'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante birrii keessatti argitaa, birrii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen.


Manshiinillee harka isaa keessa jira. Oyidiillee sirima hin qulqulleessa. Qamadii gaaguratti galcha. Buraa ammoo ibidda hin dhaamnetti gata» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite