Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 9:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Achiin maayessa darasoonni sadiin Eeliyaasii fi Muuseen uduu Yesuusiin woliin qaaqa'aaran argan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Yeroo sanitti Eeliyaasii fi Museen mulidhatanii, Yesusiin woliin yoo haasayan isaanitti ni muldhatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Achiin maayessa darasoonni sadiin Eeliyaasii fi Muuseen uduu Yesuusiin woliin qaaqa'aaran argan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 9:4
15 Referans Kwoze  

Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.


Isin kitaabbilee woyyootaan waan jireenna bara baraa qabdan waan isinitti fakkaatuuf, isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!


Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.


Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike.


Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin.


Raattonni maraa fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganiiran.


Uffanni isaallee haga miiccuun adunyaa tanaa kamiiyyuu miiccee addeessuu dandeettu caalaa adii weeccaa ta'e.


Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! As jiraachuun keenna nuu misha'a! Koottaa asitti daasee sadihii, tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite