Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 9:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haata'uu ammoo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhuga'a, Eliyaas durssee ni dhufa, waan maraa ni sirreessa, haa ta'u malee, Ilmi Namaa rakkinna ulffaataa akka fudhatuu fi akka tuffatamu ka barreeffame, attamitti?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Yesuus akkana jedhee isaanii deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haa ta'uu ammo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 9:12
30 Referans Kwoze  

Heroodisillee loltoota ufii woliin tuffatee itti balde. Uffata qandhafaa itti uwwisee, deebisee gara Philaaxoosii erge.


Akkasuma ati daa'ima nana raagaa Rabbii Ol Aana'aa hin jedhamta, Karaa isaallee haxaayu'uuf Gooftaa afoo deemta.


Hammeeyyii yakkaaf fannifaman keessaa tokko, «Ati Kiristoosii mii? Ufillee nullee oolchi!» jedhee isa arrabse.


Ilmi Namaa akkuma wonti isaa barreeffame hin du'a. Haata'uu ammoo, «Nama Ilma Namaa dabarsee kennu san aanne'e! Namni sun silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya» isaaniin jedhe.


Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.


Ani ammoo akkana isiniin jedha, Eeliyaas dhufeera, akkuma waan isaatiif barreeffame, waanuma fedhan maraa isa irratti godhan» isaaniin jedhe.


Inni isaaniin, «Gara Yeruusaalemii hin baana; Ilmi Namaa harka bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan ammoo yakka du'aa itti murteessan, worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan.


Isaanillee hennaa wolgayan, «Gooftaa kennaa! Ji'a kanatti mootummaa Isiraa'elii hin deebiftaa?» jedhanii gaafatan.


Inni kun dhagaa isin worri mana dhaga'aa ijaartan tuffattan, dhagaa mataa utubaa manaa qajeelchu ta'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite