Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 8:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Inni gumii saniin, «Lafa taa'aa'a» jedhee, xoroshoo torbaa san fuudhee, Rabbiin galateeffateeti, caccabsee, gumi'ii akka qoodan darasoota ufiititti kenne; isaanillee gumii taa'e sanii qoodan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Inni'llee lafa irra akka taa'aniif ummata ni ajaje, buddeena torban'llee ol fuudhee Waaqa ni galateeffate, kukkutee'llee ummataaf akka dhiyeessan barattoota isaa titti ni kenne, isaan'llee ummataaf ni dhiyeessan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Inni gumii saniin, «Lafa taa'aa'a» jedhee xoroshoo torbaa san fuudhee Rabbiin galatoonfatee caccabsee gumi'ii akka qoodan darasoota ufiititti kenne; isaanillee gumii taa'e sanii qoodan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 8:6
18 Referans Kwoze  

Rabbii Aabbaa karaa Yesuus Kiristoosiitiin galateeffata'aa, dubbi'iin yookiin huji'iin waan gootan maraa maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin godhaa'a.


Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf, Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee, Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata.


Haata'uu ammoo Yaballan biraa gara hulee Gooftaan buddeena itti eebbisee nyaatan san gara Xibiriyaadosii dhufan.


Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra ansaadanitti himte.


Uduu isaan woliin hurbaata'aaf taa'eeru xoroshoo ol fuudhee eebbisee caccabsee isaaniif kenne.


Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan ka arguun, isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise.


Uduu nyaata'aaran, Yesuus xoroshoo ol fuudhee eebbisee qoshoree darasootaan, «Hoo'aa nyaadhaa'a; kun foon kiyya» jedhe.


Innillee, «Xoroshoo hagam qabdan?» jedhe isaan gaafannaan, «Xoroshoo torba» jedhaniin.


Akkasuma isaan qurxummii didiqqoo hagoo qaban; Yesuus qurxummii saniifillee Rabbiin galateeffatee, akka gumi'ii qoodan darasoota ufiititti kenne.


Yesuus itti aansee, «Xoroshoo torba namoota kuma afuriif hennaa caccabse, hambaa hafe Gindoo hagam guutuu kaaftan?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Torba» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite