Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 8:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee ganda san keessaa baasee, ija isaatitti tufee, harka ufii irra kaayee, «Waa arga'aartaa?» jedhee gaafate.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 Inni'llee namicha ijaan arguu dadhabe harka qabee eemara'aa, ganda keessaa gara raasa'aa titti ni baaseen, ija namichaa irratti'llee hancufa isaa itti tufee harka isaa irra kaayeeti, «Waan tokko argitaa ree?» jechu'uun, ni gaafateen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Yesuus namicha jaamaa san harka ufii isa irra kaayee qabee ganda san keessaa baasee ija isaatitti tufee, harka ufii irra kaayee, «Waa arga'aartaa?» jedhee gaafate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 8:23
12 Referans Kwoze  

Yesuus namicha san gumii keessaa adda isa baasee, quba ufiillee gurra isaa keessa kaaye. Achiin maayii tufee arraba isaa tuqe.


«Mucattiin tiyya diqqoon dhibamtee afaan du'aa jala waan jirtuuf, akka fayyitee lubbu'uun jiraattu, koottuu harka kee isii irra kaayi» jedhee jabeessee kadhate.


Saa'ool hennaa lafaa ka'e, ijji isaa womaa waan hin argineef; harka isaa qabanii masakka'aa gara Damaasqo'oo seensisaniin.


Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.


Biyya Misiriitii isaan baasu'uuf guyyaan harka isaanii qabe, waadaa akka abboota isaanii woliin galeetii miti. ‹Isaan waada kiyya irra waan hin dhaabanneef, anillee lash isaanitti jedhe› jedha Gooftaan.


Namichi ol jedhee laalee, «Ee, namoota arga'aara; haata'uu ammoo akka muka deemuu na fakkaatan» jedhe.


Achiin maayessa Yesuus, «Ganda keessa hin deddeemn, eennuttillee hin himin» jedhee namicha gara mana isaa erge.


Ajajaan loltuu kumaa harka qabee achiin siiqee, hojja isaatitti, «Waan natti himtuu qabdaa?» jedhee gaafateen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite