Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 6:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Inni ogeessa muka bocu, ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Itti aanssanii'llee, «Haa ta'u malee kun ilma Maariyaamii muka bocaa sanii mitii? Obboleessa Yaaqoobii, Yoosaa, Yihuda'aa fi obboleessa Simooniitii mitii? Obboleetiiwwan isa ka dubaraa'llee worruma asi nu woliin jiranii mitii?» jedha'aa, tuffachu'uun, uduu ufitti hin fudhatiniin, ni hafan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Inni ogeessa muka bocu; ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 6:3
21 Referans Kwoze  

Uduma Yesuus gumii woliin dubbata'aaru, haatinii fi obboleewwan isaa isa dubbisu'uuf dhufan diida dhaabataniiran.


«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Haata'uu ammoo obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine.


Hiyyeeyyi'iifillee Oduun Nagayaa hin lallabama. Namni waan kiyya hin mamne maruu ka eebbifame.


Hennaa seenan gara mana mana gubba'aa ol bayan. Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Tomaas, Bertelomeewoos, Maatewoos, ilmi Ilfiyoosii Yaaqoob, ka hinaafaa jedhamu Simoonii fi Yihuudaa ilma Yaaqoobii fa'a.


Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran. Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii, isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yeruusaalemii dhufanii achi jiran.


Nu ammoo Kiristoosii fannifame lallabna. Kunillee Yihuudotaa gufu'u, worra Yihuudii hin taanee gowwumma'a.


Yihuudaa nama biyya Asqorootu'uu uduu hin taane, Yihuudaan biraa, «Gooftaa kiyya! biyya lafaatitti uduu hin taane attamitti nutti uf mudhifta?» jedheen.


Namni na mamee hin gufanne ka eebbifame!» isaaniin jedhe.


Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammoo sababaa fayyinaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qaramellee garaa kee woraana» jedhe.


Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee ka Rabbiin biratti ammoo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa,


Indiriyaasi, Filiphoosi, Bartelemewos Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi


Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe.


Namoonni worri, «Haati teetii fi obboleewwan tee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhanii itti himan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite