Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 6:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a; dhugamaan isiniin jedha guyyaa gaafa murti'ii qachatti tana caalaa biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa hin salphata.» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 bakka namoonni isin ufitti isin hin fudhannee fi isin jalaa hin dhageenne marattuu, awwaara miila keessan dhadhayadha'aatii achii baya'aatii deemaa, kun'llee isaaniif ragaa ufi eegganna'aa itti ni ta'a.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 6:11
20 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo hennaa isa mormanii fi arrabsaniin uffata ufii hargufata'aa balleessaa keessaniif isintu gaafatama. «Ani qulqullu'u ammaa achi gara worra Yihuudota hin taanee deema» isaaniin jedhe.


Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran.


Guyyaa murti'ii akka ugginuuf jaalalti isaa nu keessa guutteerti. Akkuma inni adunyaa keessa jiraate nullee akkasuma adunyaa keessa jira.


Ardi'ii fi samiin amma jirtu tun ammoo akka ibiddaan badduuf haga guyyaan murti'iitii fi badiin worra Rabbitti hin amannee geettuu akka dubbii kanaatiin ibidda eeggatan.


Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.


fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa, haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse,


Kunillee Rabbi karaa Yesuus Kiristoosiitiin akka ani Oduu Nagayaa barsiise guyyaa gaafa Rabbi waan nama biratti dhokatetti murteessu ta'a.


Moo gar jabuma'aa fi qalbii aagii hin galle, murtiin Rabbii qajeelaan hennaa mudhatu gaafa guyyaa lola Rabbiitiif uf irratti kuufata.


Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a.


Ani akkana isiniin jedha, namoonni waan hamaa dubbatan sanniin maraafuu guyyaa murti'ii deebii kennan.


Hulee kamittuu gara manaa yoo seentan haga achii baatanitti achuma taa'aa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite