Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 4:19 - WAADAA LAMMATAA

19 haa ta'uu ammoo yaaddawu'uun jireenna adunyaa tanaa, durumma'aan sobamu'uu fi halchi waan adda addaa itti seentee, dubbii Rabbii huutee uduu sanyii hin godhanne hafan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Haa ta'u malee yaadinni biyya lafa kanaa, jaalallitti qabeennaatii fi ka bira'aa'llee hawwiin tasaa gara onnee isaanii aseenee dubbii Waaqaa waan hudhuuf, firii malee ni hafa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 haa ta'uu ammo yaaddayu'uun jireenna adunyaa tanaa, durumma'aan sobamu'uu fi halchi waan adda addaa itti seenee, dubbii Rabbii huutee uduu sanyii hin godhanne hafan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 4:19
28 Referans Kwoze  

Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbiin jiraata'aan akka gammannuu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.


Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a.


Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha.


Haata'uu ammoo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a!


Yesuusillee deebisee, «Maartaa, Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta,


Yoo wonti kunniin isinii guddisee baayi'ate, beekkomsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.


Gara Tasoloonqe'ee deemeera. Qerqiisi gara Galaatiyaa, Tiitoonillee gara Dilimaxiya'aa deemaniiran.


Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Isaan tissema ufii uf sooran. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee, ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee,


Amma dhagaraan mukkiin hiddatti muru'uuf qophaayeera; munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee, ibiddatti gatama.


Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammoo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a.


Sanyiin qoree keessatti bu'e mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayaniiti;


Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.


Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef, bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite