Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 3:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Namoonni hedduun waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaaleemi, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yordaanoosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Ni taasisa waan ture mara'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een isa ni horddofaniin, isaan'llee Galiila'aa, Yihuda'aa, Yerusaalemii, Edomiyaas, Yordaanosiin gama biyya jiruu'llee, akkuma kana magaalota Xiiroosii fi Sidoonaatti'llee ka dhufan ni jiran ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Namoonni hedduu waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaalemii, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yoordaanosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 3:8
18 Referans Kwoze  

Kurraasii, si aanne'e! Beetasayidaa'a, si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame Xiroosii fi Siidonaa keessatti uduu godhamee jiraatee, silaa baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran.


Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammoo dhokachuu hin dandeenne.


Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee, karaa Sidoona'aatiin lufee, biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe.


Achiin maayessa gumiin hedduun Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamuu keessaa, Yeruusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman.


Isaan woliin bu'ee bakka raasaa wotaraa dhaabate. Worra gosa darasoota isaa keessaallee banii heddutu ture. Akkasuma isa dhagayu'uuf dhibee isaanii irraa fayyu'uuf jedhanii biyya Yihuudaa maraa, Yeruusaaleemii, Xiroosii, Siidoonaa daangaa galaanaatii worri dhufe namoota heddutu ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite