Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 3:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Namoonni Yesuusiin himachuu barbaadanii guyyaa Sambata diqqa'aatiin akka inni isa fayyisu gaadanillee achi turan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Yesusiin himachu'uuf namoonni barbaadan, «Guyyaa Sanbbataatiin ka fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu!» jedhanii, ni eegganiin ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Namoonni Yesuusiin himachuu barbaadanii guyyaa Sambataatiin akka inni isa fayyisu gaadanillee achi turan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 3:2
12 Referans Kwoze  

Guyyaa Sambataatiin, Yesuus hurbaataa nyaachu'uuf, gara mana bulchaa Fariisotaa keessaa gara mana nama tokkoo dhaqe; worri gaadu isa eega'aa turan.


Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonillee waan isa himataniin sababa soqu'uuf guyyaa Sambataa akka inni fayyisu eega'aa turan.


Uduu isa ega'aaran gara qe'ee bulcha'aa dabarsanii akka kennaniin qajeelaa uf fakkeessanii waan inni dubbatuun isa qabu'uuf worra riphanii eegan isatti ergan.


Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun Sambata waan hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan, kuuwwan ammoo «Namni cubbamaan maalalee akkanaa kanniin godhuu attamitti danda'a?» jedhanii wol fooyan.


Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan.


Yesuus namicha harki isaa naafate saniin, «Ol ka'ii afoo nama maraatitti dhaabadhu» jedheen.


Isaanillee waan isa ittiin himatan argatu'uuf isa qoru'uuf kana jedhan. Yesuus ammoo gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite