Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 2:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Yesuusillee amantii isaanii argee, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, cubbuun kee martinuu sii dhiifameera» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Yesus'llee amantii isaanii argee laamshayichaan, «Ilma kiyya cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Yesuus amantii isaanii argee, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya cubbuun kee maruu sii dhiifameera» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 2:5
28 Referans Kwoze  

Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantaa isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.


Kadhaan amanta'aa dhibamaa san hin fayyisa. Gooftaanillee hin kaasaan; yoo cubbuullee hujjee jiraate hin dhiifamaaf.


Yesuus garagalee isii argee, «Intala tiyya, jabaadhu! amantaan kee si fayyiseera» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite.


Badhaani isaa amanta'aan isin fayyiseera. Kunillee kennaa Rabbiiti malee, hujii keessaniinii miti.


Rabbi wonti kana godheef Israa'eliif dhiifamsa cubbu'uu isaanii kennu'uuf dabarsee akka kennamu isa qorsaa fi mataa godhee mirga ufiititti kabajjeen.


Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka sirra hin geenne, ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.


Yesuusillee amantaa isaanii argee, namichaan, «Namana, cubbuun kee sii dhiifameera» jedheen.


Obsa woliif qabaadhaa'a. Eennullee hiriyyaa ufii irratti komii yoo qabaate, dhiifamsa wolii godhaa'a. Akkuma Kiristoos isinii dhiise, isinillee akkasuma wolii dhiisaa'a.


Ka isin dhiifamsa gootaniif, anille akkasuma dhiifamsa godhaaf, anillee dhiifamsa yoo godheef; dhiifamsa ka godheef waan keessaniif afoo Kiristoosiititti dhiifamsa godheeraaf.


Kanaaf isin birratti worri dadhabaniif worri dhibaman namoonni hedduu hin jiran. Namoonni hedduunillee du'aniiran.


Namni kunillee Phaawuloos hennaa dubbatu caqasa'aa ture. Innillee fayyu'uuf akka inni amantaa qabu hennaa arge,


Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.


Innillee mucattii tiyya amantaan kee si fayyiseeraa nagayaan deem isi'iin jedhe.


Innillee, «Intala tiyya, amantaan kee si fayyiseera; nagayaan deem; dhibee kee irraallee fayyi» isi'iin jedhe.


‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deemi› jechuu irra kamtu salpha'a?


Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gari gariin achi taa'anii turan. Isaan garaa ufii keessatti,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite