Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 2:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Afoon balbala manaa haga isaanitti dhiphatutti namoonni hedduu wolitti qabamanii dubbii Rabbiillee isaanitti lallabe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Manni ka hin geenne ta'ee alli'llee haga dhiphatutti, namoonni baayi'een wol ni gayan, dubbii Waaqaa'llee isaan ni barsiisa ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Afoon balbala manaa haga isaanitti dhiphatutti namoonni hedduu wolitti qabamanii Inni dubbii Rabbii isaanitti lallabe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 2:2
20 Referans Kwoze  

Akkasuma ammallee Yesuus gara qarqara galaanaa gadi bu'e; hennaa san namoonni hedduun gara isaa dhufan, innillee isaan barsiise.


Inni ammoo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture malee, gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan.


Dubbii Rabbii lallabi hennaa sii tolee fi hennaa si hin tollellee, jabaadhu; obsa gudda'aan barsiisa'aa sirreessi, gorsille'e.


Haata'uu ammoo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanta'aa ka lallabnu.


Isiya'attillee dubbii Rabbii akka hin dubbanne Ayyaanni Woyyuun waan isaan dhooggeef Firgiiya'aa fi biyya Galaatiya'aa keessa lufan.


Phergeenittillee dubbii haga himaniin maayii gara Ixaaliya'aa bu'an.


Sababaa rakkinna Isxifaanoosiin irra gayeetiin worri bittinaayan finiqee Qophiroosiif, haga Anxookiya'aa deemanii dubbii Rabbii Yihuudota calla'atti himan malee, ka biraa eennuttuu hin himne.


Isaanillee haga raganii fi dubbii Goofta'allee haga himaniin maayessa gara Yerusaaleemii deebi'an; Samaariya'attillee ganda hedduu keessatti Oduu Nagayaa lallaban.


Hennaa san namoonni waan heddu ta'aniif, gumiin heddu haga wol irra ijjatutti wol gayanii uduu jiran, darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, Duraan dursa'atii raacitii Fariisotaa, jechuun uftuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a.


«Eegasuu hiikkaan mammaaka kanaallee kana. Sanyiin dubbii Rabbiiti.


Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa oduu gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture.


Hennaa isa argan, «Maruu si soqa'aaran» jedhaniin.


Namoonni qachaa sanii maruu balbala afo'otti wol gayan.


Yohaannis dabarfamee haga kennameen maayii, Yesuus, «Barri dhume. Jeennanni Rabbii dhiyaateera; aagii galaa'a Oduu Nagayaatittillee amanaa'a.» jedha'aa Oduu Nagayaa ka jeennata Rabbii lallaba'aa gara Galiila'aa dhufe.


Achiin maayessa inni akkana jedhee isaan barsiise.


Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yeruusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira.


Yesuusillee hennaa yabala irraa bu'e banii hedduu argee, akka hoolota tissee hin qabnee waan jiraniif isaanii gaddee, waan hedduu isaan barsiisuu jalqabe.


Guyyaa haggo'oon maayii Yesuus gara Qifirnaahoomii dhufee akka mana jiru dhagayame.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite