Wongeela Maarqoos 16:9 - WAADAA LAMMATAA9 Yesuus jalqaba torbaanii, [guyyaa Sambata gudda'aa] ganama barii hennaa du'aa ka'e, dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseetti mudhate. Gade chapit laWaadaa Haarawa9 [Yesus torbaan keessaa guyya jalqabaa Dilbbata ganama obboroo eega du'aa ka'een duubatti, jalqaba ta jinniiwwan torbaa baaseef Magdalaawittii Maariyaaamtti ni muldhate. Gade chapit laKitaaba Woyyuu9 Yesuus jalqaba torbaanii ganama barii hennaa du'aa ka'e dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hammeeyyii torba keessaa baaseetti mudhate. Gade chapit la |
Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran. Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii, isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yeruusaalemii dhufanii achi jiran.
Isaan naasu'uun bararraaqanii, achi keessaa bayanii awwaala biraa baqatan; sodaatanii waan turaniif eennuttillee womaa hin dubbanne. Isaan waan inni isaan ajaje maraa Pheexroosii fi worra isa woliin jiranitti gabaabsanii himan. Kanaan maayessa Yesuus Innumti Oduu Nagayaa ka fayyinna bara baraatiif ta'e Woyyuun hin jijjiiramne, baya biiftu'uutii haga dhiyaa isaan harka kaayee erge.