Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 14:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Yesuus ammoo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Yesus garuu akkana ni jedhe, «Dhiisa'aanii! Waayee Maali'iitiif isii rakkifttan? Isiin anaaf waan mishaa raawwattee jirtti,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Yesuus ammo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 14:6
23 Referans Kwoze  

karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Jaalalaa fi hujii misha'aaf haa dadammandhuu; wol haa tooyannuu.


Worra gosa keenna keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Eeganaa ennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaye ta'a.


Nu uumama isaa waan taaneef, Rabbi firrisee hujii mishaa inni qopheesse akka hojjannuuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin uumamne.


Iyoophe'ettillee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.


Yesuus waan kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Dubartii tana maaf rakkiftan? Isiin waan mishaa naa goote.


Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.


Namni nu mormu waan keenna waan badaa dubbatu yoo dhabe, akka saalfatu woma maraanuu waan mishaa godha'aa fakkeenna isaanii ta'i.


Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu, barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uuf gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada.


Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,


Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,


Bitinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata jedhamee akkuma barreeffame Rabbi hennaa maraa waan maraanuu dandeettii maraa argattanii hujii misha'aan akka baayi'attan badhaadhummaa maraan isin guddisuu danda'a.


Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.


Urgooftuun tun silaa gatii woggaa tokkoo caala'atti gurguramtee, saantimiin kun hiyyeeyyi'iif kennamuu hin woyyuu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan.


Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran; hennama kamuu waan mishaa godhu'uufii hin dandeettan. Ani ammoo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite