Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 13:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Anaaf jettanii nama maraa biratti ka jibbamtan taatan. Haga dhumaa ka jabaatu ammoo hin fayya» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

13 Waayee maqaa kiyyaatiif nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, haga muumme'ee titti ka obissaan dhaabatu garuu, ni fayya.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Anaaf jettanii nama maraa biratti hin jibbamtan; ka haga dhumaa jabaatu ammo hin fayya» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 13:13
19 Referans Kwoze  

Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.


Ka haga dhumaa dhaabate ammoo hin fayya.


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Haata'uu ammoo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Nu ammoo worra lubbuu ufii hanbisu'uuf amane malee, worra gara duubaatitti deebi'ee baduu miti.


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite.


Bakka marattu maqaa kiyyaaf worra jibbamu taatan.


«Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


Obboleeyyan tiyya, adunyaan yoo isin jibbite hin maalalfatinaa'a!


Obboleessi obboleessa, Abbaanillee ilma ufii du'aaf dabarsee kenna. Ijoolleen worra ufiititti ka'anii ajjeesan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite