Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 13:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Haata'uu ammoo, Oduun Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Kun marrinuu ta'uun duranatti garuu, wongeelli biyya lafaa mara wolgayuun ni qaba.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Haa ta'uu ammo, Dubbiin Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 13:10
10 Referans Kwoze  

Gosa maraaf ragaa akka ta'u, Oduun Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.


Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata.


Haata'uu ammoo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan, «Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame; dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha.


Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaalallabaa'a!


Kanaafuu Yerusaalemii jalaqabee haga Iliwaarqoon naannayee Oduu Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera.


Amantaan keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateefadha.


Worri Nanawwe'ee guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin ka'anii isaanitti murteessan. Sababa lallaba Yoonaasiitiin aagii waan galaniif, Kunoo, ka Yoonaasiin caalu as jira!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite