Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 12:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Abbaan muka woyini'ii ilma guddaa jaalatu tokko qaba. Dhuma irratti ‹Ilma kiyya hin kabajjan› jedhee, isa gara isaanii erge.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Amma raawwachuun ka isa hafe, ilma isaa ka jaalatu erguu qofa ture. Kanaaf, ‹Ilma kiyya ni kabajaniin ta'a› jedhee yaadu'uun, muummee irratti ilma isaa tokko ni erge.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Abbaan muka woyini'ii ilma guddaa jaalatu tokko qaba. Dhuma irratti ‹Ilma kiyya hin kabajjan› jedhee isa gara isaanii erge.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 12:6
32 Referans Kwoze  

Anillee isa argeera; akka inni Ilma Rabbii ta'e rageera.»


Laagaan samii irraa, «Kun Ilma kiyya jaalatamaa Ani itti gammadu» jedhe.


Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf.


Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.


Abbaan Ilma ufii hin jaalata, waan maraa isatti kenneera.


Naatinaa'elillee, «Eessatti na beetta?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne, uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Duumessa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka Ani filadhe; isa dhagayaa'a!» laagaan jedhu dhagayame.


Ayyaanni Woyyuunillee akka haala nafaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i, ani si'iin gammada laagaan jedhu samii irraa dhufe.


Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» laagaan jedhu dhufe.


Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, An sitti gammada» jedhu dhufe.


Yesuus ammoo hin cadhise, Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen.


Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.


Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.


Wonti dubbatame sunillee, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilmallee hin deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.


Ammallee ka biraa itti erge, isa ammoo hin ajjeesan, akkasuma ka biraallee heddu itti erginaan isaan keessaallee gari garii tumanii garii ammoo hin ajjeesan.


Qonnaan bultoonni sun ammoo, ‹Ka abbaa maasaa muka woyini'ii dhaalu kanaa; kootaa isa hin ajjeefnaa, dhaalli nuuf ta'aa› woliin jedhan.


Ana manguddoo irraa: Ka dhuga'aan jaaladhu jaalatamaa Gayiyoosiif:


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite