Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 10:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Yesuus ufirra garagalee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 Yesus'llee ufi irra garagalee laaleeti barattoota isaatiin, «Dureesotaaf gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Yesuus uf irra gara galee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 10:23
13 Referans Kwoze  

Obboleeyyan tiyya! Waamamuu keessan laalaa'a, worri akka ogummaa namaa ogeessota ta'an hedduun, worri gurguddoota ta'an hedduu fi worri dureeyyii ta'an hin waamamne.


Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?


Yesuusillee akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif, jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a!


Innillee gar-jabeenna isaaniititti akka malee gaddee, aari'iin garagalee isaan laalee, namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye.


Akkasuma gara jireenna bara baraa, gara Gooftaa keennaa fi gara jeennata fayyisaa keennaa Yesuus Kiristoosii galu'uuf mirga guutu'utu isinii kennama.


Seebartoota adunyaa jaalachuun Rabbiin wol loluu akka ta'e, hin beettanii? Eegasuu ka biyya lafaatiin goshoo ta'uu fedhu maruu diina Rabbii ta'eera. Namni jaalalloo adunya'aa ta'u maruu diina Rabbii ta'eera.


Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.


Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti ka hin fudhanne, horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe.


Yesuus ammoo nama isa tuqe argu'uuf ufirra garagalee laale.


«Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan.


Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf, fuula ufii gurraachessee, gaddee achii deeme.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite