Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 10:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf, fuula ufii gurraachessee, gaddee achii deeme.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

22 Namichi'llee kana yeroo dhagayetti fuulli isaa gaddaan ni gurraachate, qabeenna baayi'ee ni qaba waan tureef, gadda'aa ni deeme.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf fuula ufii gurraachessee gaddee achii deeme.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 10:22
20 Referans Kwoze  

«Jireenni namaa guddinna qabeennaatiin waan hin taaneef, uf eegadhaa'a, dhara maraa irraa uf eegaa'a» isaaniin jedhe.


Gara Tasoloonqe'ee deemeera. Qerqiisi gara Galaatiyaa, Tiitoonillee gara Dilimaxiya'aa deemaniiran.


Waan kana beekaa'a, seebara yoo ta'e yookiin battii yookiin ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa kaddaamullee, Kiristoosiif jeennata Rabbiititti ristii hin qabu.


Gaddi akka fedha Rabbii ta'e, ka gaabbiin keessa hin jirre, waan aagii gara fayyinnaa nama geessu ta'eef. Gaddi adunyaa tanaa ammoo du'a fida.


Inni ammoo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef, guddisee gadde.


Dargaggeessi sun dubbii kana hennaa dhagaye, qabeenna hedduu waan qabuuf, gadda'aa deeme.


Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammoo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a.


Mootiinillee guddisee gadde; haa ta'uu ammoo sababa keessummoota afo'otti isi'ii kakateef, waan isiin jette dhooggatuu hin feene.


Hennaa san Yihuudaan isa dabarsee kenne akka isatti murteeffame argee gaabbee, birrii soddomaa san bulchaa gadootaatii fi manguddootaa deebisee,


Sababaanillee Heroodis Yohaannis nama qajeela'aa fi Woyyuu akka ta'e beekee sodaatee eessisa'aa ture. Heroodiis hennaa dubbii Yohaannisii dhagaye akka malee yaaddaye. Ta'ullee gammachu'uun isa jalaa dhagaya'aa ture.


Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu sirraa dhidhata. Dhaqii, waan qabdu maraa gurgurii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottu na faana deemi!» jedheen.


Yesuus ufirra garagalee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite