Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 10:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuudaatii fi laga Yordaanosi gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan, inni akkuma amala ufii isaan barsiise.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Yesus achii ka'ee, laga Yoordaanosii gara dhiyaatiin dabrree, gara arddii Yihuda'aa ni deeme. Namoonni haalaan baayi'ee'llee deebi'anii gara isaa wol ni gayan, inni'llee akkuma aadaa isaa titti isaan ni barsiisa ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuuda'aatii fi laga Yoordaanos gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan inni akkuma amala ufii isaan barsiise.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 10:1
17 Referans Kwoze  

Gara hulee Yohaannis duratti cuupha'aa ture Yoordaanosiin gamaa deebi'ee deemee achi bubbule.


Inni waan hedduu mammaakaan barsiisa'aa ture. Hennaa barsiisullee akkana isaaniin jedhe:


Achiin maayessa darasootaan, «Gara Yihuuda'aa haa deemnuu» isaaniin jedhe.


Yesuusillee hennaa yabala irraa bu'e banii hedduu argee, akka hoolota tissee hin qabnee waan jiraniif isaanii gaddee, waan hedduu isaan barsiisuu jalqabe.


Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.


Yesuusillee deebisee, «Ani namoota afo'otti addaataa Adunyatti dubbadheera. Mana sagada Yihuudonni maruu itti wolgayanitti Mana Woyyuu keessatti, Ani hennaa maraa barsiiseera; dhossa'atti womaa hin dubbanne.


Amantaa dhabuu isaaniitiinillee guddisee maalale. Yesuus gandoota biraatii gara ganda biraa naannaya'aa barsiisa'aa ture.


Akkasuma ammallee Yesuus gara qarqara galaanaa gadi bu'e; hennaa san namoonni hedduun gara isaa dhufan, innillee isaan barsiise.


Hennaa san Yesuus gumi'iin akkana jedhe, «Akka nama shiftaa qabu'uuf bokku'uu fi guraadee qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? Hennaa ani guyyaa guyya'aan mana woyyuu keessa isin woliin taa'ee barsiisu, na hin qabne isaaniin jedhe.


Gara qachaa Qifirnaahomii dhaqanii, guyyaan Sambataa hennaa gaye, Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise.


Guyyaa Sambata Diqqa'aa Inni Mana sagada Yihuudotaatitti barsiisuu jalqabe. Worri isa dhagayan heddu isaanii maalalfatanii, «Namni kun waan kanniin eessaa argate? Ogummaa attamiititu isaa kennameera? Baasa akkanaa kanniin attamitti huja?


Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii, namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan.


Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisa'aaru, «Attamitti barsiisonni Seera Muuse'ee, ‹Kiristoos ilma Daawitii ti› jechuu danda'an?


Mana woyyuu keessatti isin woliin guyyaa guyya'aan hennaa barsiisa'aa ture na hin qabne, haata'uu ammoo akka kitaabonni woyyuun raawwatamaniif kun ta'e» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite