Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 1:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Ani bisaaniin isin cuupha. Inni ammoo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha jedha'aa lallabe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Ani bishaaniin isin ni cuupha, inni garuu Hafuura Qulqullu'uun isin ni cuupha.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Ani bisaaniin isin cuupha; Inni ammo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha» jedha'aa lallabe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 1:8
19 Referans Kwoze  

«Yohaannis waan bisaaniin cuupheef, isin ammoo guyyaa diqqo'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe.


Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.


Worri Pheexroosiin woliin dhufan maruu amantoonni gara worra gadoomanii ta'anii worra Yihuudota hin taane irratti kennaan Ayyaana Woyyu'uu waan bu'eef maalalan.


Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii akka Ayyaanni isaanii kennetti afaan garagaraa dubbachuu jalqaban.


‹Guyyaa dhumaatitti ani akkana godha jedhe Rabbi: nama foon uffate maraa irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; dargaggoonni teessan manaaba argan, manguuddoonni teessanillee eebjuu eebjootan.


Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.


Innillee akkana jedhee lallabe. Ka ana caalaa hunna qabu, ka miseensa kophee isaa gad jedhee hiikuun naan hin malle tokko na duubaan dhufa'aara.


Hennaa san, Yesuus biyya Galiila'aatii gara qachaa Naazireetii dhufee harka Yohaannisiitiin laga Yordaanosiititti cuuphame.


Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haata'uu ammoo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uuf ibiddaan isin cuupha.


Yohaannisillee deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha, haata'uu ammoo ka isin isa hin beenne isin jidduu dhaabateera.


Ani isa hin beeku ture. Haata'uu ammo, Inni ka ani akka bisaaniin cuuphuuf na erge, ‹Ka ati uduu Ayyaanni irratti bu'uu fi irratti harabaafatu argitu, ka Ayyaana Woyyu'uun cuuphu Isa› naan jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite