Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maarqoos 1:32 - WAADAA LAMMATAA

32 Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

32 Aduun aseenittee yeroo dhiiyetti'llee namoonni dhukkubisattootaa fi worra jinni'iin qabaman mara qabatanii, gara Yesusii ni fidan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

32 Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maarqoos 1:32
8 Referans Kwoze  

Haga aduun dhiiteen maayii, namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan. Innillee dubbii ufiitiin jinnoota baasee, worra dhibame maraa fayyise.


Hennaa aduun dhiite dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman maraa gara isaa fidan. Innillee tokko tokko isaanii harka ufii isaan irra kaayee isaan fayyise.


Namoonni Yesuusiin himachuu barbaadanii guyyaa Sambata diqqa'aatiin akka inni isa fayyisu gaadanillee achi turan.


Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise.


Gara qachaa Qifirnaahomii dhaqanii, guyyaan Sambataa hennaa gaye, Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise.


Wonti Isaayaas raattichi, «Inni dadhabbii keenna nu irraa fudhate. Dhukkuba keennallee baate» jedhe haa raawwatamu'uuf inni kana godhe.


Itti dhiyaatee harka isi'ii qabee ol kaaseen, haxaxxeenillee bakkumatti dhiiseen. Ol kaateellee isaan keessummeessite.


Jinniin ammoo, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbiiti» jedha'aa namoota hedduu keessaa iyya'aa bayani. Akka inni Kiristoosiin ta'e waan beekaniif, Innillee isaan teedeffate akka isaan hin dubbanne isaan dhoogge.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite