Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 9:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Ulee, korojoo, buddeenaaf birriillee yoo ta'e hennaa imala deemtan womaa harkatti hin qabatinaa'a. Ka uffattan sanii achi ka biraa harkatti hin qabatinaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Adeemissa keessaniif ka ta'u womaayyuu hin qabatinaa, ulee'llee yoo ta'e, qaraciitii'llee yoo ta'e, dhalee'llee yoo ta'e, qarshii'llee yoo ta'e, uffatuma jijjiirataa'llee yoo ta'e hin qabatinaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 «Ulee, korojoo, buddeenaa fi birriillee yoo ta'e hennaa imala deemtan womaa harkatti hin qabatinaa'a. Ka uffattan sanii achi waan biraa harkatti hin qabatinaa'a.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 9:3
12 Referans Kwoze  

Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, karaxiitii yookiin kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge, wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan.


Namni duulu maruu ka lolaaf erge gammachisu'uuf jedhee, fuudhaa fi daldalaan uf hin hidhu.


Darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Jireenna keessaniif maal nyaanna yookiin nafa keessanitti maal uffanna jettanii hin yaadinaa'a.


Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe.


Rabbi ammoo Abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibidadatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantaa dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree?


Leewwiinillee mana ufiititti waan nyaataa qopheessee isa waame, worri isaan woliin hurbaata'aaf taa'anii jiran ka qaraxa guuruuf namoonni biraallee heddutu ture.


Achiin maayii inni darasoota kudha lamman gara ufii waamee, ayyaannan battii irratti baallii kenneefii, lama lama godhee isaan erge.


Mana keessummummaa dhaxxan san haga gaafa achii baataniif achuma taa'aa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite