Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 9:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Gumiinillee akka inni Yesuusiin ta'e beekanii isa faanaa deeman. Innillee isaan simatee waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ture. Worra fayyuun isaan barbaachisullee hin fayyise.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Ummanni'llee Yesus eessa akka jiru yeroo beeketti ni horddofaniin, inni'llee isaan ufitti fudhatee waayee Mootummaa Waaqaa isaan ni barsiise, dhukkuba irraa fayyu'uuf barbaadanii dhukubbisatoota dhufan maraa, isaan ni fayyise.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Gumiin akka inni Yesuusiin ta'e beekanii isa faanaa deeman. Inni isaan simatee waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ture. Worra fayyuun isaan barbaachisullee hin fayyise.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 9:11
21 Referans Kwoze  

Eeganaa araara akka argannu waan nu barbaachisu maraa hennaa nu barbaachisutti badhaadha akka argannu gara teessoo badhaadha isaa amanta'aan haa dhiyaannuu.


Dubbii Rabbii lallabi hennaa sii tolee fi hennaa si hin tollellee, jabaadhu; obsa gudda'aan barsiisa'aa sirreessi, gorsille'e.


Kiristoos waan uf hin gammachifneef. «Tuffiin si tuffatan narra gayeera» jedhamee akkuma barreeffame isa irratti ta'e.


Eegasuu ka itti hin amanin attamitti waamuu danda'an? yoo hin dhageenne attamitti amanan? yoo lallabame malee attamitti dhagayan?


Eennullee uduu isa hin dhooggine jeennata Rabbii hima'aa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii haalaan ibsee barsiisa'aa ture.


Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee gara kiyya ka dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u.


Jeennata Rabbii akka lallabaniif dhukkubsattoota akka fayyisan akkana jedhee isaan erge.


Innillee akkana jedheen, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawaaniif ammoo uduu ilaalan akka hin argine, uduu dhagayan akka hin hubane, mammaakkan dubbadha» jedhe.


Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa oduu gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture.


Yesuusillee deebisee, «Dhukkubsattootaaf malee, worra fayyaa qabuuf ogeessi fayya'aa hin barbaachisu.


Worra beelayanillee waan misha'aan isaan quubsee, dureeyyiillee harka duwwaa geegesse.


«Kanaaf, akkana isiniin jedha, jeennanni Rabbii isin irraa fudhatamtee, banii daraaraa godhatuuf kennamti. [


Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.


Baniinillee akka inni deeme hennaa dhagayan, qachaa keessaa bayanii miilaan isa faanaa deeman. Yesuus yabala keessaa bayee banii heddu argee, isaaniif gaddee dhibamtoota isaaniillee fayyise.


Eegasuu amantaan dhagayu'uun, dhagayuunillee dubbii Rabbiiti.


Yesuusillee yaada isaanii beekee, achii siiqe. Namoonni hedduu isa faanaa deemanii isaan maraa hin fayyise.


Ergamtoonnillee deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasayidaa jedhamtu bira hojjuma isaa gara lafa udume'ee dhaqe.


Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isati dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf, gara naannoo ganda baadiyaa jiranii deemanii akka bulanii fi waan nyaatanillee akka argatan banii kana geggessi» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite