Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 8:43 - WAADAA LAMMATAA

43 Woggaa kudha lamaa irraa jalqabee dubartii dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

43 Woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isii jiga'aa ka makkaraarttu dubarttii takkatu turtte, isiin'llee qabeenna qabddu maraa worra yaaltotaatiif kafalu'uun fixxee, eennu'llee isii fayyisu'uuf hin dandeenne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

43 Dubartii woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 8:43
22 Referans Kwoze  

Intalti tun Fiixaa Abrahaamii taatee woggaa kudha saddeetiif ta jinniin hidhe guyyaa Sambataatiin hidhaa kana keessaa hiikkamuun isii hin barbaachisuu ree?» jedheen.


Uduu karaa san irra lufa'aaru nama urga dhalate irraa jalqabee ballaa ta'e tokko arge.


Hennaa san dubartiin woggaa kudha saddeetiif ayyaana hama'aan qabamtee ta duddi isi'ii gad goge takkatu achi ture. Isiinillee waan gadi goddeef ol qajeeltee deemuu hin dandeettu.


Hennaa yabala irraa bu'an namichi jinniin dhaye tokko qachaa sanii bayee isatti dhufe. Namichi sun bara hedduuf uffata uduu hin uffannee fi manatti uduu hin galle, awwaala jidduu jiraata'aa ture.


Namni maalaleen fayyinnaa ta'eef kun nama woggaa afurtamaa oliiti.


Worra mana woyyuu seenan irraa waa kadhatu'uuf, nama namoonni baadhatanii gara balbala mana woyyuu ka maqaan isaa «Midhaagaa» jedhamuu fidanii guyya guyya'aan achi kaayan tokkotu ture. Innillee urga dhalate irraa jalqabee nafti isaa naafa.


Haata'uu ammoo amma attamiin akka arge hin beennu yookiin ija isaa eennu akka bane nu hin beennu isa gaafadhaa'a inni nama gudda'aa, inninuu waan ufii hin dubbataa» jedhan.


Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture, isaan ammoo baasuu hin dandeenne» jedheen.


Worri kuuwwan qabeenna guddaa qaban irraa waan hafe mi'a kennaa itti guuran keessa buusan; Isiin hiyyeettiin waan qabdu ka ittin jiraattu maraa achi keessa buufte» isaaniin jedhe.


Isiinillee duuba isaatiin dhuftee handaara uffata isaa tuxxe. Yomasan dhiinni isii keessaa jiga'aa ture sunillee cite.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite