Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 8:41 - WAADAA LAMMATAA

41-42 Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture. Wonti inni dhufeef intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudha lamaa, guddiftee dhibamtee waan du'uu geetteef, dhufee luka Yesuusii jalatti kufee, akka inni mana isaa dhaqu kadhateen. Uduu inni dhaqu'uuf karaa irra jiru, gumiin gara maraan isa hucuuca'aa turan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 Yeroo sanitti namichi itti gaafatamaan bakka woligayii isaanii ta'e, Yaayiros ka jedhamu tokko ni dhufe, miila Yesusii jalatti kufee, «Yabo'oo gara mana kiyyaa naa koottu» jedhee, ni kadhateen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 8:41
15 Referans Kwoze  

Bulchaan mana sagada Yihuudotaa Qersiphoosillee maatii ufii maraa woliin Goofta'atti amane. Namoota Qorontoosii keessaallee hedduun haga dhagayan amananii cuuphaman.


Haga Kitaabni seeraatiif kitaabni raattootaa dubbifamaniin maayii bulchoota mana sagada Yihuudotaa isaanitti erganii, «Obboleeyyan teenna waan banii gorsitan yoo qabaattan mee dubbadhaa'a» jedhaniin.


Bulchaan mana sagada Yihuudota ammoo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree, akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira. Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiinii miti» jedhe.


Uduma inni dubbata'a jiru, namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufeetti, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.


Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban.


Namoonni Giriikotaa maruu bulchaan mana sagada Yihuudotaa Sositeensiin qabanii, dhaddacha afo'otti tumaniin waan kanniiniif Gaaliyoos hajaa hin qabu ture.


Liidaanillee Iyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayaanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin.


Kallacha isaatiin luka Yesuusii irratti kufee isa galateeffate. Inni sun nama Samaariya'aati.


Simoon Pheexroos ammoo kana hennaa arge jilba Yesuusii jalatti kufee, «Gooftaa'a, ani cubbama'a natti hin dhiyaatin!» jedheen.


Maartaan Yesuusiin, «Gooftaa'a, uduu ati asi jiraattee obboleessi kiyya silaa hin du'u.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite