Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 8:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Innillee akkana jedheen, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawaaniif ammoo uduu ilaalan akka hin argine, uduu dhagayan akka hin hubane, mammaakkan dubbadha» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uu isiniif kennamee jira, kuunniin garuu wonitti marrinuu fakkeennan isaatti ni himama, isaan uduma laalan onne'etti hin qabanne, uduma dhagayan'llee akka hin hubanneef» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Innillee akkana jedhee isaanii deebise, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawwanii ammo uduu ilaalan akka hin argine; uduu dhagayan akka hin hubanne mammaakkan dubbadha.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 8:10
24 Referans Kwoze  

Inni akkana isaaniin jedhe: «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isinii kennameera. Worra diida jiraniif ammoo wonti maruu mammaakaan himama. Sababaanillee, ‹Uduma laalan horoma akka hin argineef; uduma dhageeffatan horoma akka hin hubanneef, gara Rabbiillee deebi'anii, cubbuun isaaniillee akka isaanii hin dhiifamne› »


Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha.


Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa mara akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhanssa isaaniif baya.


Eegasuu Oduu Nagayaa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii himame, ka woggaa bara dheeraa dhokate. Amma ammoo ka mudhate ka kitaaba Raattotaatiinillee himame; Rabbi baraa haga bara baraa ajaje amantaa ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane marrati beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u,


Yesuus deebisee akkana isaan jedhe, «Ilma Yoona'aa Simoon kana ka sii ibse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namni kana waan sii hin ibsineef ati ka eebbifamte.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Kana maraa ammoo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite