Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 7:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Ani nama worra baallii qabu jalatti bulu. Anillee loltoota uf jalatti bulchu qaba. Isaan keessaa tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innillee hin deema; ka biraatiinillee ‹Koottu› yoo jedhe, innillee hin dhufa; hojjataa kiyyaan ‹Waan kana huji› yoo jedheen hin huja»

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Ani mataan kiyyaa itti gaafatamoota kiyyaaf ajajamaa yoo ta'u, anaa gaditti lolttoota ajaju ni qaba. Kanaaf tokkoon ‹deemi!› yoo jedhuun ni deema, kaaniin ‹koottu!› yoo jedhuun ni dhufa, tajaajilaa kiyyaan'llee, ‹kana raawwadhu!› yoo jedhuun ni raawwata.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Ani nama worra baallii qabu jalatti bulu. Ani loltoota uf jalatti bulchu qaba. Isaan keessaa tokkoon yoo ‹Deemi› jedhe, inni hin deema; ka biraatiinillee yoo ‹Koottu› jedhe, inni hin dhufa; hojjataa kiyyaan yoo ‹Waan kana huji› jedheen hin huja!»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 7:8
12 Referans Kwoze  

Garboota! Onnee qajeeltu'uun Gooftaa sodaata'aati malee, nama gammachiiftanii mudhatu'uuf worra ajajamtan uduu hin ta'in, fooniin worra gooftoota keessan ta'anii waa maraanuu ajajama'aafii.


Phaawuloosillee ajajaa loltuu dhibbaa keessa tokko waamee, «Mucaa kana gara ajajaa loltuu kumaa geessi waan isatti himu qaba» jedheen.


Waan isaa gara gooftaa kiyya waan barreessu waan qabatamaa hin qabu. Kanaafuu haga qoratameen maayii waan barreessu akka argadhuuf, afoo keessanitti mootii Agriiphaa keessattuu afoo kee isa dhiyeesse.


Achiin maayeesa, inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eedoo itti furi, worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookiin yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje.


«Qelaawudewoos Luusiyoosiin irraa bulchaa kabajjamaa Filiksiitiif nageenni siif haata'u.


Ajajoota loltuu dhibbaa keessaa lamaan waamee, gara Qisaariya'aa akka deeman loltuu dhibba lamaa, worra faradoo torbatamaa fi loltuu dhibba lamaa worra eboo lolaa qaban, «Halkan keessa sa'aatii sadihiititti qopheessaa'a» isaaniin jedhe.


Kanaafuu ani gara kee dhufuun naaf hin malu. Haata'uu ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya jedhe.


Yesuusillee kana dhagayee maalalfatee gara banii isa faanaa deemaaruutitti garagalee, «Ani isinitti hima, amantii guddaa akkasii Israa'eliin keessattuu sirimaa hin argine» isaaniin jedhe.


Loltoonillee akkuma ajajaman Phaawuloosiin qabanii halkanniin gara Antiphaaxirisii geessaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite