Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 7:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Yesuusillee isaan woliin deeme. Hennaa gara mana isaa dhiyaate ajajaan dhibbaa loltoota jaalalloo ufii gara isa ergee akkana jedheen, «Gooftaa'a, ati mana kiyya seenuun waan siin hin malleef hin dadhabiin.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Kanaaf Yesus isaan woliin ni deeme, gara manaa'llee yeroo dhiyaatanitti ajajaan dhibbaa waaheloota isaa akkana jechu'uun gara Yesusii ni erge, «Yaa Gooftaa, ati gara mana kiyyaa aseentu'uuf ka hin malin waan ta'eef, gara mana kiyyaa dhufu'uuf hin dadhabbiin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Yesuus isaan woliin deeme; hennaa gara mana isaa dhiyaate ajajaan dhibbaa loltoota jaalalloo ufii gara isa ergee akkana jedheen, «Gooftaa'a! ati mana kiyya seenuun waan siin hin malleef hin dadhabin.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 7:6
15 Referans Kwoze  

Badhaadha guddisee kenna; kanaafuu Rabbi worra uf jajuun hin morma; worra kaso'oo fi ammo badhaadha isaanii kenna.


Achiin maayii Yesuus isa woliin deeme; namoonni hedduullee isa faanaa deemanii gara maraan isa hucuucan.


Uduma inni dubbata'a jiru, namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufeetti, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.


Gooftaa afo'otti mataa keessan gadi uf qabaa'a. Innillee ol isin qabaa.


Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.


Simoon Pheexroos ammoo kana hennaa arge jilba Yesuusii jalatti kufee, «Gooftaa'a, ani cubbama'a natti hin dhiyaatin!» jedheen.


Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe.


Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.


Isaanillee gara Yesuusii dhufanii, «Inni banii keenna hin jaalata, Mana Sagadaallee nuu ijaareera,


kanaafuu, Namni kun gargaarsa sirraa argatuu barbaachisa» jedhanii jabeessanii kadhataniin.


Kanaafuu ani gara kee dhufuun naaf hin malu. Haata'uu ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite