Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 7:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Maruu sodaatanii, edduu keennatti raanni guddaan ka'eera. Rabbillee banii ufii tooyateera jedha'aa Rabbiin galatoonfatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Mara isaaniituu sodaan isaan qabee, «Nabiyyichi ol aanaan nu jiddu'uu ka'ee jira, Waaqinni ummata isaa fayyisu'uuf dhufee jira» jedha'aa, Waaqa ni galateeffatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Maruu sodaatanii «edduu keennatti raanni guddaan ka'eera; Rabbillee banii ufii tooyateera» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 7:16
31 Referans Kwoze  

Fariisichi isa hurbaataa nyaachisu'uuf waamellee argeet namichi kun uduu raaga ta'ee ta luka isaa qaqqabdu tun maal akka taate attamitti akka turtellee hin beeka ture. Isiin cubbamtu'u jedhee garaa ufiititti yaade.


Baniin haga kana argan maalalanii, Rabbii baallii akkanaa namaa kenne ulfeeffatan.


«Banii ufii gargaaree bilisa waan isaan baaseef, Waandhi Israa'eelii Gooftaan haa eebbifamu.


Isaan maruu akka malee maalalfatanii, guddisanii sodaatanii, «Adha waan maalalee argine!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan.


Tissoonni akkuma isaaniin jedhame waan dhagayanii argan maraafuu Rabbiin galatoonfata'aa kabajja'aa deebi'an.


Ollaan isaanii martinuu hin sodaatan. Wonti kun biyya Yihuuda'aa marattuu odeeffame.


Gumiin isa woliin deema'aaran, «Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan.


Kanaafuu duudonni hennaa dubbatan, dundumoonni hennaa fayyan, worri hokkolan hennaa deeman, balloonni hennaa argan maalalfataniiti Waaqa Israa'eliillee galateeffatan.


Waan kiyyafillee Rabbiin galateeffatan.


Hannaaniyaanillee akkuma dubbii kana dhagayeen kufee du'e. Worri waan kana dhagayan maruu guddisanii sodaatan.


Sababaa kanaaf namicha ballaa sanniin, «Ati waan namicha ija tee banee maal jetta?» jedhaniin. Innillee, «Raatticha» isaaniin jedhe.


Sababa Kanaaf namoonni maalalee Yesuus godhe haga arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan.


Dubartittiin, «Gooftaa kiyya, akka ati raagaa taate arga.


Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii? jedhanii gaafatan, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammoo, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise.


Innillee, «Maal inni?» jedhee gaafate. Isaannillee akkana jedhaniin, «Waan Yesuusii nama Naazireetii, ka huji'ii fi dubbi'iin Rabbii fi gumii maraa biratti raagaa jabaa,


Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin.


Baniin naannoo biyya Gergesenoon jiru maruu waan guddisanii sodaataniif, akka Yesuus isaan biraa lixu isa kadhatan. Innillee yabala keessa seenee achii deeme.


Simoon Pheexroos ammoo kana hennaa arge jilba Yesuusii jalatti kufee, «Gooftaa'a, ani cubbama'a natti hin dhiyaatin!» jedheen.


Soda'aa fi gammachuu gudda'aan ariifatanii awwaala biraa deemanii, darasoota isaatitti himu'uuf fiigan.


Namni kun ijoollee Isiraa'eliitiif, ‹Rabbi obboleeyyan keessaa, raaga akka kiyyaa isinii kenna› isa dhagayaa'a jedhee namni isaanitti dubbate Muusema kana.


Siif ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban, dhakaa dhakaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan, ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef.


Dargaggeessi du'e sunillee ol jedhee taa'ee dubbachuu jalqabe. Achiin maayessa Yesuus deebisee Haadhatti kenne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite