Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 4:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Yesuusillee, «Akka isin ati abbaan qorichaa uf fayyisi, Qifiranaahomittillee waa hojjachuu kee akkuma dhageenne san asi biyya kee keessattillee hojjadhu jettanii akka natti mammaattan ani shakkii hin qabu» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 Yesus akkana isaaniin ni jedhe, « ‹Ati ogeessa fayya'aa nana, mee mataa kee fayyisi› fakkeenna jedhu, akka naaf tuxxan sirri'itti beeka, akkuma kana, ‹Qifrnaahoomtti raawwattee jirta yoo jedhan ka dhageenne mara biyya keetitti raawwadhu!› naan ni jettan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Yesuus, «Akka isin ati abbaan qorichaa uf fayyisi, Qifirnaahoomittillee akkuma waa hojjachuu kee dhageenne san as biyya kee keessattillee hojjadhu jettanii akka natti mammaattan ani shakkii hin qabu» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 4:23
20 Referans Kwoze  

Yesuus achiillee bayee gara qachaa ufii dhaqe; darasoonnillee isa faanaa deeman.


Qachaa Naazireetii gadhiisee Zaabiloonii fi Niftaaleemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e.


Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu.


Dubartittiinillee ottee isi'ii dhiiftee gara qacha'aa deemtee,


Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeettaa? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi, achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argita.


Innillee gara biyya itti guddatee gara Naazireetii dhaqee, akkuma aada'aatitti guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa seenee kitaaba dubbisu'uuf ka'ee dhaabate.


Gara biyya ufiititti deebi'ee Mana sagada Yihuudotaa seenee haga isaan isa maalalanitti isaan barsiisa'aa ture. Isaanillee, «Namichi kun oggummaa kanaa fi hunna maalalee kana ittiin hojjatu eessaa argate?» jedhan.


Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.


Yooseefii fi Maariyaam waan Seerri Goofta'aa ajaju mara haga godhanii fixaniin maayessa, gara qachaa ufii gara Naazireetii, ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an.


Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee, worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte.


Achiin maayii qachaa Qifirnaahoomii gara Galiila'aa bu'ee guyyaa Sambata diqqa'aa isaan barsiisa'aa ture.


Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! isa keessaa bayi!» jedhee isa teedeffate. Seexannillee isaan jiddutti isa kuffisee uduu namicha hin miine isa keessaa baye.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite